Fana: At a Speed of Life!

Qorannoon tilmaama baasii damee fayyaa ifoome

0 125
Finfinnee, Fulbaana 7, 2012 (FBC) – Qorannoon tilmaama baasii damee fayyaa ifoome.
 
Ministeerri Fayyaa qorannoo tilmaama baasii damee fayyaa biyyoolessaa 7ffaa ifoomsera.
 
Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Amiir Amaan akka jedhanitti qorannichi kallattii gara fuula duraa damichaa ni akeeka.
 
Ityoophiyaan qorannoo biyyoolessaa kana waggaa 3 sadiin gaggeessiti.
 
Akka qorannichaatti baasiin waliigalaa damee fayyaa kan bara 2006 Birrii miiliyoona 49.5 ture bara 2009tti miiliyoona 72n dabaleera.
 
Baasii yaalatiif kaffaltiin yaalamtoonni baasan %33rraa gara %31tti gadi bu’eera.
 
Baasin mootummaa %30rraa gara %32tti ol guddateera.
 
Baasii fayyaa waliigalaa keessaa %41 eegumsa fayyaa sadarkaa 1ffaaf kan oolu yoo ta’u, %29.4 ammoo hoospitaalotaaf oola jedhaniiru Dooktar Amiir Amaan.
Comments
Loading...