Fana: At a Speed of Life!

Fooramiin Biiznasii Ityoo Tuuniziyaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira

0 115

Finfinnee, Fulbaana 7, 2012 (FBC) – Fooramiin Biiznasii Ityoo Tuuniziyaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Fooramicha irratti garee biiznassi biyyoota lameen irratt walitti babba’anii fi oggeessonni Tuuniziyaa hirmaataniiru.

Deettaan Ministira Dhimma Alaa FDRI Dooktar Maarqoos Taklee Ityoophiyaa fi Tuuniziyaan haariiroo gaarii akka qaban kaasuun, fooramichi hariiroo daldalaa fi incastimantii cimsuuf ga’ee guddaa qaba jedhaniiru.

Ityoophiyaan gabaawwaan Awuuroppaa fi Ameerikaa akka ofitti harkiiftu kan kaasaan Dooktar Maarqoos, kana ammoo biyyoota Afrikaa waliin taasisuun yoo danda’e bu’aa qabeessa ta’uu kaasaniiru.

Abbootiin qabeenyaa Tuuniziyaa carraa gaarii Ityoophiyaan invastmantii qabdutti akka fayyadamniif waamicha dhiyyeessaniiru.

Gitni isaanii Tuuniziyaa Haatm Farjaanii gama isaaniin adeemsi waliin hojjechuu kun cimee itti fufuu qaba jedhaniiru.

Yaadni garee ogeessota biyyoota lameen irraa arganne,yeroo gabaabduu keessatti biyyoonni lameen hariiroo daldalaa uumuu akka danda’aniif ni gargaara jedhaniiru jechuun Fireehiywoot Saffiwtu gabaase.

Comments
Loading...