Fana: At a Speed of Life!

Eeyyamni oomisha albuudaa sadarkaa olaanaa; 3 kenname

0 162

Finfinnee, Fulbaana 7, 2012 (FBC) – Eeyyamni oomisha albuudaa sadarkaa olaanaa; 3 kenname.

Ministeerri Albuudaa fi Boba’aa FDRI akka beeksisetti, eeyyamichi dhaabbilee barbaachaa fi oomisha albuudaarratti bobba’uuf gaaffii dhiyeessan keessaa ulaagaa barbaachisaa kan guute Waldaa Aksiyoona Indaastirii Abbaayifi oomishti albuudaa sadarkaa olaanaa 3 kan laatame.

Ministirri ministeerichaa Dooktar Saamu’eel Urqaatoo fi hoji raawwachiisaa olaanaan Waldaa Aksiyoona Indaastirii Abbaay obbo Damis Tashaagar waliigaltee eeyyama oomishichaa mallatteessaniiru.

Dhaabbatichi eeyyama kan fudhate naannoo Amaaraatii yammuu ta’u, eeyyamni sadarkaa olaanaan kennames biyyoo suphee, laayim stoonii fi jiibsamiirratti.

Dhaabbatichi misoomichaaf Birrii 140,712,881.00 ramaduun ibsameera.

Dhaabbatichi yeroo oomishaatti lammiilee 114f carraa hojii ni uuma.

Comments
Loading...