Fana: At a Speed of Life!

Dr Maarqoos Dhaabbata Tasfaa ILG waliin waliigaltee mallatteessan

0 107

Finfinnee, Fulbaana 7,2012 (FBC) – Deettaan Ministira Teeknoolojii fi Innovashinii Jamaal Bakaar fi Preezidaantiin Dhaabbata Tasfaa ILG Daawwit Tasfaayee waliigaltee mallatteessan.

Teessuma isaa Swiizerlaandis kan godhate Dhaabbanni Tasfaa ILG jedhamu Wiirtuu Gabbisa Teeknooloojii sadarkaa Swiizeerlaandiin Ityoophiyaatti ijaaruuf humna akka qabu ifoomse.

Waliigaltichi Ityoophiyaatti eegaltoonni teeknooloojii yaadota kalaqaa isaanii akka gabbifataniif leenjii gabbisa teeknoolojii kennuu, ogeessittoonni kalaqaa hojii isaaniin gara oomishaatti akka galaniif deeggarsa maallaqaa taasisuu fi muuxannoo teeknoolojii wal jijjiiruudha.

Dhaabbanni Tasfaa ILG Wiirtuu gabbisa Teeknooloojii sadarkaa Swiizerlandiin Ityoophiyaa ijaaruuf humna akka qabu ifoomseera.

Waliigaltichis Deettaa Ministira Teeknoolojii fi Innovashinii Jamaal Bakaar fi Preezidaant Dhaabbata Tasfaa ILG Daawwit Tasfaayee gidduutti mallattaa’eera.

Deettaa Ministira Teeknoolojii fi Innovashinii Jamaal Bakaar waliigaltichi dame teeknoolojii mootummaan Ityoophiyaa qabate carraa hojii kalaqaa ni deeggaru himaniiru.

Tasfaa ILG yuunivarsitiwwaan Teeknoolojii Swiizerlaandis Yuunvaarsiitiwwaan Saayinsii fi Teeknooloojii Ityoophiyaa waliin walitti hidhamuun waliin akka hojjetaan gochuuf humna akka qabu beeksiiseera.

Comments
Loading...