Fana: At a Speed of Life!

Ayyaana Irreechaa ijaarsa biyyaatif ni fayyadamna -Biiroo Aadaa fi Tuuriizimii Oromiyaa

0 233

Finfinnee, Fulbaana 7, 2012 (FBC) – Ayyaana Irreecha Birraa bara 2012 ijaarsa biyyaatif ni fayyadamna jedhe Biiroon Aadaa fi Tuuriizimii Oromiyaa.

Hogganaan Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa obbo Girmaa Hayiluun ibsa har’a laataniin akka beeksisanitti, Irreecha Malkaa Hora Finfinnee fi Harsadee baranaatif qophii ga’aan taasifameera.

Irreechi falaasama sirna Gadaarraa kan madduu fi siyaasaa fi amantaan otuu wal hin qoodin ummata Oromoo fi ummata biyyattiidhan hawwiidhan kan eegamuu fi karaa nagayaa fi jaalalaan kan kabajamu ta’uusaa obbo Girmaan himaniiru.

Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinnee bara dheeraaf adda citee ture deebi’uusaatin ayyaana baranaa adda taasisa jedhan.

Irreecha nagayaa fi jaalalaan ayyaana kabajamu waan ta’eef, ummanni Oromoo tokkummaasaa cimsuun ijaarsa biyyaatif itti fayyadamuu qaba jedhaniiru.

Irreecha Finfinnee fi Harsadeen dura sagantaawwan addaddaa ni gaggeeffamu.

Fiigichi Guddichi Irreecha Hora Finfinnee Fulbaan 11,2012 mata duree “Irrchii nageenyaa fi tokkummaa Itoophiyaaf” jedhuun namoota 50,000 ol hirmaachisuun gaggeeffama.

Agarsiisnii fi baazaariin, akkasumas koonsartiinis ni dhiyaatu.

Ummanni ayyaana Irreechaa yoo kabaju karaa gurmaa’en ajandaa siyaasaa kamuurraayyuu bilisa ta’uun akka kabaju waamicha dhiyeessaniiru.

Uffannaa aadaa fi duudhaa Oromoo calaqqisiisaniin hawwattummaasaa akka cimsanis gaafataniiru.

Comments
Loading...