Fana: At a Speed of Life!

Keeniyaan daandii Mooyyaalee hin cufne -Ambaasaaddar Mallas

0 108
Finfinnee, Fulbaana 6, 2012 (FBC) – Keeniyaan daandii Mooyyaalee cufteettin oduun tamsa’e soba jedhan Keeniyaatti Ambaasaaddarri guutuu FDRI Mallas Alam.
 
Ambaasaaddar Mallas Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti akka himanitti Keeniyaan daandii Ityoophiyaadhan ittiin waldaangessitu hin cufne jedhaniiru.
 
Daandiinis ta’e daangaan cufame akka hin jiraatin ibsaniiru.
 
Ityoophiyaa fi Keeniyaan hariiroo diippiloomaasii cimaa waan qabaniif dhimmoota siyaasaa, diinagdee, nageenyaa fi daldalarratti walitti dhiyeenyan hojjechaa jiru jedhaniiru.
 
Oduun daangaan sababii koontiroobaandii fi sochii meeshaa waraanaa seeran alaarraa kan ka’e cufameen haasa’ames soba bu’uura takkaa hin qabne jedhaniiru.
Comments
Loading...