Fana: At a Speed of Life!

Gaaffilee ummataa deebisuuf qindoominaan ni hojjenna – obbo Ristuu

0 211

Finfinnee, Fulbaana 6, 2012 (FBC) – Gaaffilee ummataa deebisuuf mootummaa federaalaa waliin qindoominaan ni hojjenna jedhan itti aanaan preezdaantii mootummaa naannoo Kibbaa obbo Ristuu Yirdaaw.

Yeroo ammaattis hojiilee hedduun qindoominaan hojjetamaa jiruun ibsaniiru.

Obbo Ristuun jiraattota godina Beench Shakkaa fi Oomoo Lixaa waliin kaleessa mari’ataniiru.

Marii Miizaan Amaanitti gaggeeffameen, hoggansi naannoo fi godinaalee argamaniiru.

Nageenyi naannichaa waaraa akka ta’u, olaantummaan seeraa kabachiisuu fi kan balleessan seeratti akka dhiyaatan, gaaffileen misoomaa fi fayyadamtummaan akka mirkanaa’u ni hojjetama jedhaniiru.

Itti aanaan preezdaantichaa turmaata FBC waliin taasisaniin akka beeksisanitti, gaaffilee ummataatif deebii laachuuf qindoominaan hojjetama ajira.

Tigist Silashiitu gabaase.

Comments
Loading...