Fana: At a Speed of Life!

Barsiisaa gaarii idila addunyaa muuxannoo isaa Mootummoota Gamtoomaniif qooduufi

0 145

Finfinnee, Fulbaana 6, 2012 (FBC) – Barsiisaa gaarii idila addunyaa muuxannoo isaa Mootummoota Gamtoomaniif qooduufi

Lammii keeniyaa barsiisaa gaarii idila addunyaa muuxannoo isaa yaa’ii waliigalaa Mootummoota Gamtoomanii irratti qooduufi.

Bara Faranjoota 2019 adduuraa barsiisaa gaarii ta’uun kan injifate lammiin Keeniyaa Piitar Taabiichuu Preezidaant Doonald Traamp waliin Waayt Hawuus keessaatti walarganiiru.

Taabiichuun Niiwuyoorkiitti kan gaggeeffamu yaa’ii waliigalaa Mootummoota Gamtoomanii 74ffaa irratti argamuun haasaa akka taasissan ni eggama.

Barsiisichi Naayroobiirraa gama Kibba Dhihaatti fageenya Kiloo meetra 188 kan argamtu ganda Naakuuruu mana barumsaa sadarkaa 2ffaa keeroo Miiksiid Deey itti Saayinsii barsiisa.

Barsiisaa gaariin kun miindaa ji’aa irraa %80  barattoota maatii harka qalleeyyii keeniyaatti argamaniif akka kennu dubbi himaan Waayt Hawuus Steefaan Giirshaam fuulaa Twiitara isaa irratti ibseera.

Mana barumsaa ijoollee harka qalleeyyii kan ture manni barumsaa kun yeroo ammaa kana yaalii Taabiichuun mana barumsaa dorgommii saayinsii taasisaan keessaa isa tokko ta’uun ibsameera.

Maddi:- BBC fi Deeyl Neshiin

Comments
Loading...