Fana: At a Speed of Life!

Balaa konkolaataa Harargee Bahaatti qaqqabeen lubbuun namoota 10 darbe

0 288
Finfinnee, Fulbaana 6, 2012 (FBC) – Balaa konkolaataa eda galgala godina Harargee Bahaa aanaa Gooroo Guutuutti qaqqabeen lubbuun namoota 10 darbe.
 
Balichi kan mudate eda galgala naannoo sa’aa 4tti.
 
Konkolaataan geejiba ummataa ISUZU ta’e magaalaa Jigjigaatii gara Finfinnee osoo imalaa jiruu namoota cidha deemanirratti miidhaa lubbuu fi qaamaa qaqqabsiisera.
 
Balichi naannoo Maddisaatti kan mudate yammuu ta’u, lubbuun namoota 10 darbeera.
 
Namoonni balichi irra ga’e lafoo sirbaa mana mucaatii gara mana misirrittiitti imalaa kan turanidha.
 
Balichaan namoota lubbuu isaanii dhabaniin ala 5 salphaa fi cimaa miidhamaniiru.
 
Itti gaafatamaan koominikeeshinii Qajeelcha Poolisii Godina Harargee Bahaa Koomaandar Siyyuum Daggafaan akka jedhanitti konkolaachisaan miidhaa qaqqabsiise yeroodhaf miliqus barbaadamaa jira.
 
Geetaasaw Yeshiiwaas
Comments
Loading...