Fana: At a Speed of Life!

Qajeelfamni bobbii tajajaila taaksii elektirooniiksii qophaa’e

0 152

Finfinnee, Fulbaana 6, 2012 (FBC) – Qajeelfamni bobbii tajajaila taaksii elektirooniiksii Finfinnee qophaa’e.

Biiroon Geejibaa magaalaa Finfinnee qajeelfamicha ilaalchisee har’a miidiyaaledhaaf ibsa laatera.

Konkolaattonni tajaajila taaksii laatan koodii lakkoofsa gabatee isaanii 1tti akka geeddaranii fi halluu akka diban ni taasifama jedhan hogganaan biirichaa Dooktar Salamoon Kidaaneen.

Konkolaattonni tajaajilicha laatanis dhaabbataan hammatamuu qabus jedhameera.

Koodii lakkoofsa gabatee 1 baasun kanaan dura ittifamee ture amma eeyyamameera jedhameera.

Comments
Loading...