Fana: At a Speed of Life!

Abbootin Gadaa Irreecha Birraatin dura nageenyaa fi araara labsan

0 293

Finfinnee, Fulbaana 6, 2012 (FBC) – Abbootin Gadaa Irreecha Malkaa yookin Birraatin dura nageenyaa fi araara labsan.

Irreechi nageenya, galata, araara, walkabaja, qulqullummaa, waliidhiisuu waan ta’eef; garaa qulqulluudhan irreeffachuuf ayyaana Irreechatiin dura sirni araaraa fi nageenyaa Harsadiitti gaggeeffameera.

Araaraa fi nageenyichis magaalaa Bishooftuu Harsadiitti labsameera.

Sirnicharratti abbootiin Gadaa Tuulamaa, bakka buutonni Gumii Abbootii Gadaa Oromoo fi itti aanaan preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan argamaniiru.

Irreecha dura garaa qulqullaa’un Irreeffannaa keessatti iddoo guddaa qaba.

Kan walitti muufatee fi waldhabdee qabu osoo hin araaraminii fi garaan isaa osoo hin qulqullaa’in malkaa tokkotti waliin hin irreeffatu waan ta’eefi sirnichi kan gaggeeffamu.

Comments
Loading...