Fana: At a Speed of Life!

Wiirtuun Yaala Kaansarii Finfinneetti ijaarramuufi

0 175

Finfinnee, Fulbaana 5, 2012 (FBC) – Wiirtuun Yaala Kaansarii biyyoonni miseensa Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa itti fayyadaman Finfinneetti ijaarramuufi.

Wiirtichi Doolaara miiliyoona dhibba 4 fi miiliyoona 50 ijaarrama.

Ijaarsi wiirtichaa marsaa sadiin kan hojjetamu ta’uu ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Amiir Amaan ibsaniiru.

Sagantaan marii galii walitti qabuu biyyoota miseensa mootummichaa waliin taasifameera.

Ityoophiyaan ijaarsichaaf lafa qopheessuun, maallaqa ramaduuf kutannoo kan qabdu ta’uu ministirichi ibsaniiru.

Comments
Loading...