Fana: At a Speed of Life!

Primiiyar Liigii Ityoophiyaa karaa injifataa itti adda baasaan ifoomse

0 192

Finfinnee, Fulbaana 5, 2012 (FBC) – Federeeshiniin kubbaa miilaa Ityoophiyaa waldorgommii primiiyar liigii bara kanaa karaa injifataa itti adda baasu ifoomseera.

Federeeshinichi guyyaa har’aa hundeeffama dhaabbata premiiyar liigii Ityoophiyaa ilaachisuun ibsa laateera.

Bara kana premiiyar liigiin gareen 24 ramaddii lamatti hiramuun dorgommii isaanii kan gaggeessan ta’a.

Dorgommichaan rammaaddi isaaniirraa 1ffaan kan xumuraan gareen lamaan waancaaf marsaa lama taphatanii injifataan taphichaa waancaa kan kaasu ta’a.

Gareen injifate chaampiyansi liigii Afrikaa yoo hirmaatu gareen lammaffaa ta’ee kan xumure ammo Ityoophiyaa waancaa federeeshinii CAF bakka bu’un dorgoma.

Gareen waancaa Ityoophiyaa injifate ammo Ityoophiyaa seecaaf bakka bu’uun akka dorgomu ta’eera.

Comments
Loading...