Fana: At a Speed of Life!

Obbo Gadduun, Aniikan Huuyit Falditii fi jila isaanii waliin mari’atan

0 211

Finfinnee, Fulbaana 5, 2012 (FBC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachaw walitti qabduu koree dhaabbii dhimma alaa fi raayyaa ittisaa Noorweeyii Aniikan Huuyit Falditii fi jila isaanii waliin mari’atan.

Hariiroo biyyoota lamaanii, dhimmoota naannoo fi idil addunyaarratti bal’inaan mari’ataniiru.

Obbo Gadduun hariiroon biyyoota lamaanii waggoota dheeraa kan lakkoofsise ta’uu ibsaniiru.

Hariiroo barootaa kanas gama hundaan cimsuun akka barbaachisu kaasaniiru.

Noorweey tumsa hawaasummaa fi diinagdee taasisaa jirtuuf galateeffataniiru.

Fooyyessi waliigalaa Ityoophiyaatti taasifamaa jiru, nageenyi naannoo baha Afrikaa akka waaraa ta’u hojiin hojjetamuu fi naannicha diinagdeedhan walitti hidhuuf sochiin jiru jajjabeessaa ta’u Aniikan Huuyit Falditii ibsaniiru.

Biyyattiin sochiilee misoomaa Ityoophiyaa kan deeggartu ta’uus ibsaniiru.

Comments
Loading...