Fana: At a Speed of Life!

Mana rifeensaa maammiltoota jaalalaan onneen isaanii miidhameef tajaajila tolaa kennu

0 141

Finfinnee, Fulbaana 5, 2012 (FBC) – Mana rifeensaa maammiltoota jaalalaan onneen isaanii miidhameef tajaajila tolaa kennu dinqisiifannaa argate.

Kibba Lixa Chaayinaa kutaa bulchiinsa Shiichu’aan magaalaa Chengiduu manni rifeensa aragamu tokko namootaa jaalalaan onneen isaani miidhameef tajaajila tolaa kan kennu ta’u himameera.

Manni rifeensichaa maammiltoota jaalaleewwaan jaalalaan waliin turanii sababa garaa garaan adda ba’an onneen jaalalaa isaani miidhameef  rifeensa isaani tola kan sirreessu ta’uu ibsameera.

Manni rifeensa kun namoota onneen jaalala isanii miidhame jajjabeessuuf barreefamoota fi ergaawwaan addaddaan kan guute ta’u himameera.

Kanarra kan darbe, haamile maammiltoota qabachuu kan danda’u sirboota lallaafoo xiyyeeffannoon filatamaan maamiltoota ni affeeru.

Kun ammo namoota sababa addaddaan jaalalle isaani waliin adda ba’an fi onneen isanii miidhamee jajjabeessuu fi gara jaalalaa isaaanii duraatti akka deebi’aniif balbala kan banu ta’uu eerameera.

Maddi:- CGTN

 

Comments
Loading...