Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan walga’ii Eejansii Atoomiik Iinarjii Idil Addunyaarratti hirmaachaa jirti

0 169
Finfinnee, Fulbaana 5, 2012 (FBC) – Jilli Ityoophiyaa ministira Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Injiinar Geetaahuun Makuriyaatin duurfamu walga’ii Eejansii Atoomiik Iinarjii Idil Addunyaarratti hirmaachaa jira.
 
Walga’ichi si’a 63ffaadhaf Oostiriyaa Veenaatti gaggeeffamaa jira.
 
Ityoophiyaan ejjennoo teeknooloojicharratti qabdurratti haasaa ni taasisuun eegama.
 
Eeggataa daayreektara olaanaa eejansichaa miistar Koorneel Feeruutaa waliinis ni mari’atu.
 
Ityoophiyaan teeknooloojii nuukleeraa faayidaa nageenyatiif qofa fayyadamuuf waliigaltee mallatteessiteet turte.
 
Sanas cimsuuf jilichi prootookoolota dabalataa ni mallatteessan eegama.
Comments
Loading...