Fana: At a Speed of Life!

Biyyoonni miseensa ECOWAS shoroorkeessitoota naannicha keessa jiru rukutuuf doolaara biil.1 ramaduuf waliigalan

0 521

Finfinnee, Fulbaana 5, 2012 (FBC) – Biyyoonni miseensa ECOWAS shoroorkeessitoota naannicha keessa jiru rukutuuf doolaara biiliyoona 1 ramaduuf waliigalan

Miseensoonni Gamtaa Diinagdee Lixa Afrikaa ( ECOWAS) sodaa nageenya naanichaa furuuf doolaara biiliyoona 1 ramaduuf waliigalaniiru.

Maallaqichi bara Faranjoota dhufu kanaarra eegalee  hanga 2024 kan lakkifamu ta’a jedhameera.

Maallaqichi duula shoroorkeesitoota naannichaa ittisuuf kan hojjetaan humna waraanaa cimsuuf akka oolu Preezidaantiin Nijeer Mahaammaduu Iisuuf himaniiru.

Naannoo Saahl gareen Alqaaydaa fi IS waliin hidhata qaban socho’aa akka turaan ni himama.

Humni waraanaa Faransaayiin deeggaramu waggaa lama dura garee hidhatee naannicha socho’u duula taasisuu eegaleera.

Haata’utii hanqinni maallaqaa,  leenjii fi meeshalee milkaa’in duulicha irratti dhiibbaa uumeera.

Maddi:- Aljaziiraa

 

 

Comments
Loading...