Fana: At a Speed of Life!

Warri kafaa muuxannoo Qabeenya uumama kunuunsuu qaba – Dooktar Abiy

0 220

Finfinnee, Fulbaana 4, 2012 (FBC) – Warri kafaa muuxannoo Qabeenya uumama kunuunsuu qaban lammilee Ityoophiyaa Kaaniif dabarsuu Qaban- Dooktar Abiy Ahimad

Muummeen ministira Ityoophiyaa Dooktar Abiy Ahimad Ummanni Kafaa muuxannoo qabeenya uumamaa kunuunsuu qabu ummata Ityoophiyaa kanneen biroof dabarsuu qaba jedhan.

Uummanni kun dursee Falaasama Ida’amuu hubatee yeroo Mootii Abbaa Jifaarii Eegaluun Dawaaroo fi Jimmi tokkummaan Jiraachaa turan jedhan.
kana malee haalli waldhaggeeffachuu fi rakkoo jiru mariin hiikuu Ummatichi qabu Sirna Gadaan walfakkaataadha jedhan.
Itiyoophiyaan lammii ishii hunda akka qixa tajaajiltuuf uummanni kun tumsuu akka qabanis dhaamaniiru.
Dooktar Abiy ”Kijibnii fi hammeenyi biyya diiga malee bu’aa hin qabu” kan jedhan.

Bara 2012tti ummanni Ityoophiyaa jaalalaa fi tokkummaan akka waliin jiraatu abdiin qaba jedhan.

Jila kanaan ministirri Ministeera Raayya Ittisa Biyyaa FDRI obbo Lammaa Magarsaa, itti aanaan muummee ministiraa obbo Dammaqaa Makoonninii fi giiftii duree aadde Zinnaash Taayyaachaw hammatamaniiru.

Marichaanis jiraattooni gaaffiilee akka bu’uuralee misooma fi ijaarsa buufata fayyaa kan kaasaaniiru.

Ijaarsi isaa waggaa tokko dura kan eegale ijaarsi muuziiyeemii buna Biyyooleessa fi proojektii bishaan dhugaatti magaalaa Boongaa harkifachuu isaa Muummee ministiraaf kaasaniiru jechuun Alaazar Taaddaleetu gabaase.

 

 

 

Comments
Loading...