Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen barnootaa barattoota manneen barnootaa mootummaa, magaalaa Finfinneef kennamaa jira

0 367
Finfinnee, Fulbaana 3, 2012 (FBC) – Meeshaaleen barnootaa barattoota manneen barnootaa mootummaa magaalaa Finfinnee keessatti argamaniif kennamaa jira.
 
Uffannaan manneen barnootaaf qophaa’es meeshaalee barnootaa waliin itti aanaa kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumatiin kennamaa jira.
 
Manneen barnootaa haaromsi taasifameefis hojiin isaanii xumuramee tajajailaaf qophii ta’aniiru.
 
Sirnicharrattis hoggansi bulchiinsa magaalichaa, barattoonni, maatii fi namoonni beekamoon argamaniiru.
 
Tola ooltummaa Ganna baranaatin bulchiinsi magaalichaa barattoota kuma 600 ol ta’aniif barruulee barnootaa miiliyoonni 7.2 ol walitti qabuuf, manneen barnootaa mootummaa 408f ammoo haaromsa gochuuf karoorsee hojjechaa turuun karooraa ol milkeessera.
 
Haaluma kanaan manneen barnootaa 488f haaromsi taasifameera.
Comments
Loading...