Fana: At a Speed of Life!

Qabxiin qormaata kutaa 10ffaa ifoome

0 14,341
Finfinnee, Fulbaana 2, 2012 (FBC) – Eejansii Madaallii Barnootaa fi Qormaata Biyyoolessaa qabxii qormaata biyyoolessaa kutaa 10ffaa ifoomse.
 
Eejansichi bara 2011 barattoonni miiliyoonni 1.2 ol qormaata kutaa 10ffaa fudhachuu ibseera.
 
Barattoota qormaataman keessaa 682,572 dardarran, 572,997 ammoo shamarrani.
 
Kanneen keessaa 894,318 idileedhan, 354,782 dhuunfadhaan, 6,469 galgala barnoota isaanii kan hordofanidha.
 
Qormaatamtoota keessaa %75.5 qabxii 2 fi sanaa ol kan fidan yammuu ta’u, kuma 10 ol kan ta’an ammoo 4 fidaniiru.
 
Daayreektarri olaanaa eejansichaa obbo Araayaa G/igzi’aabheer akka jedhanitti, lakkoofsi barattoota qabxii 2 fi sanaa ol galmeessisanii kan bara darbee ni caala.
 
Bara darbe 2 fi lamaa ol kan galmeessisan %71 ture.
 
Barattoonnis qabxii qormaata isaanii karaa marsariitii Eejansii Madaallii Barnootaa fi Qormaata Biyyoolessaa http://app.neaea.gov.et yookin www.neaea.gov.et akkasumas lakkoofsa ergaa gabaabaa 8181 irratti ID- jechuun lakkoofsa ittiin qormaatama/admiishinii barreessuun ilaallachuu danda’u jedhaniiru.
 
Afawarq Alamuutu gabaase.
Comments
Loading...