Fana: At a Speed of Life!

Jilli Ityoophiyaa Dr Maarqoosin duurfamu Paakistaan daawwate

0 312

Finfinnee, Fulbaana 2, 2012 (FBC) – Jilli Ityoophiyaa ministir deettaa Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Maarqoos Takleetin duurfamu Paakistaan daawwateera.

Jilichaanis ministir deettaan Ministeera Daldalaa fi Indaastirii Misgaanuu Araggaa dabalatee hoggansi Ministeera Qonnaa, Mana Maree Waldaalee Daldalaa, hawaasni daldalaa hammatameera.

Daawwichaanis ministira Ministeera Dhimma Alaa Paakistaan Soohaaylii Maahimmuudii fi hoggansa olaanoo biyyattii biroo waliin hariiroo biyyoota lamaanii cimsuu fi dhimmoota idil addunyaa biroo irratti mari’ataniiru.

Biyyoonni lamaan daldalaa fi invastimantiirratti caalmaan akka waliin hojjetan mari’ataniiru.

Ityoophiyaa fi Paakistaan hariiroo diippiloomaasii kan eegalan baroota 1950n keessa.

Comments
Loading...