Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Ameerikaan dhibee sombaa to’achuuf waliigaltee haaromsaa walii mallatteessan

0 262

Finfinnee, Fulbaana 2, 2012 (FBC) – Ityoophiyaa fi Ameerikaan dhibee sombaa to’achuuf waliigaltee haaromsaa walii mallatteessan.

Waliigaltichi dhibee sombaa Ityoophiyaadhaa balleessuuf qindoominaan hojjechuurratti kan kaayyeffatedha.

Waliigalticha daayreektarri Eejansii Misooma Idil Addunyaa Ameerikaa(USAID) Siin Joonsii fi ministir deettaan Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan mallatteessaniiru.

Waliigaltichi qaama hojii biyyoota dhimmichi keessatti hojjetamu 30ti.

Sosochii dhibee sombaa balleessuu idil addunyaa taasifamuun, bara Faranjootaa 2022tti ummata miiliyoona 40 qaqqabuun yaadameera.

Hojichis dhibee sombaa ittisuu, yaaluu fi to’achuurratti xiyyeeffata.

Bara Faranjootaa 2000 eegalee eejansichi mootummaa Ityoophiyaa waliin qindoominaan hojjechaa jira.

Ityoophiyaanis hojichaan lammiilee dhibichaan qabaman miiliyoona 2 ol qaqqabuu dandeessetti.

Kunis waggoottan kurnan lamaan darbanitti namoota dhibee sombaa waliin walqabatee lubbuu isaanii dhaban %70 hir’isuu dandeessiseera.

Ameerikaan damee fayyaa Ityoophiyaa deeggaruudhan waggaa waggaatti amma Doolaara miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 50 tumsaa jirti.

Ameerikaan waggoottan shanan darbanitti hojiilee misoomaa fi deeggarsa namoomaa Ityoophiyaatif Doolaara biiliyoona 4 laattetti.

Comments
Loading...