Fana: At a Speed of Life!

Israa’eel proojaktii misooma jallisii ammayyaa’aa Ityoophiyaatti ifoomsufi

0 292

Finfinnee, Fulbaana 2, 2012 (FBC) – Israa’eel proojaktii misooma jallisii ammayyaa’aa Ityoophiyaatti ifoomsufi.

Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Israa’eel Raafaa’eel Mooraav proojaktii misooma jallisii ammayyaa’aa kana ifoomsuuf mootummaa Ityoophiyaa waliin qindoominaan hojjetamaa jira jedhaniiru.

Ambaasaaddarichi Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin turmaata taasisaniin akka beeksisanitti, proojaktichi Ityoophiyaatti oomishtummaa damee qonnaa dabaluuf ni fayyada jedhan.

Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad dhiyeenya yeroo Israa’eel daawwatanitti, biyyattii waliin karoora hariiroo waloo irratti waliigaluun isaanii ni yaadatama.

Israa’eel waggoottan 30n darban oomishtummaa qonnaatin muuxannoo ammayyaa’aa qabdi.

Lafa qonnaa xiqqaarratti oomishtummaa avokaadoo dabaluuf proojaktichi ni gargaara jedhaniiru ambaasaaddarichi.

Comments
Loading...