Fana: At a Speed of Life!

Traamp gorsaa nageenya biyyooleessa isaani aangoo irraa gaggeessan

0 177

Finfinnee, Qaammee 6, 2011 (FBC) – Preezidaantiin Ameerikaa Doonald Traamp gorsaa isaani nageenya biyyoolessa kan ta’an Joon Booltaniin aangoo irra kaasuu isaani beeksisaan.

Preezidaantichi akka jedhanitti Joon Booltan waliin dhimmoota hedduurratti walii galuu hin dandeenye jedhaniiru.

Torbee dhufu gorsaa nageenya biyyoolessa haaraa akka muudaan himaniiru.

Booltan gama isaaniitiin gaaffii aangoo gad-dhiisuu dhiyyeessu fi Traamp “boru ni haasoofna” akka jedhaniin ibsaniiru.

Qormaatota imaamata dhimma alaa gama Afgaanistaanii fi Iiraan jiru irratti Preezidaanticha waliin waliigaluu akka hin dandeenye ibsaniiru.

Booltan bara Faranjoota Bitootessa 2018 eegalanii tajaajila kan turan yoo ta’u, Miikeel Flaayin fi HR Maakmaastariin hordofuun gorsaa nageenyaa 3ffaa Traamp turan.
maddi:- BBC

Comments
Loading...