Fana: At a Speed of Life!

Obbo Musxafee Muhaammad baga Birraa geessan jedhan

0 82

Finfinnee, Qaammee 6, 2011 (FBC) – Itti aanaan preezdaantii mootummaa naannoo Somaalee obbo Musxafee Muhaammad baga Birraa geessan jedhan.

Bara haaraa 2012tti olaantummaa seeraa kabachiisuun fayyadamtummaa misoomaa mirkaneessuuf mootummaan ummata waliin tumsaan ni hojjeta jedhaniiru.

Bara 2011tti buqqa’uu fi walitti bu’iinsi iddoowwan muraasatti mudatus, mootummaa fi ummanni qindoominaan tasgabbeessuu danda’aniiru jedhan.

Bara haaraatti misooma, demokraasii, olaantummaa seeraa kabachiisuun Ityoophiyaa cimtuu ijaaruuf yaa tumsinuun waamicha dhiyeessaniiru.

Obbo Muusxafeen Ityoophiyaanota maraan baga jijjiirraa bara haaraan ittiin isin ga’e jedhaniiru.

Comments
Loading...