Fana: At a Speed of Life!

Mootiin Kootdiivwaar Ityoophiyaa daawwachaa jiru

0 85

Finfinnee, Qaammee 6, 2011 (FBC) – Ummanni Ityoophiyaa aadaa boonsaa keessummaa simatee keessummeessuu qaba jedhan mootiin Kootdiivwaar.

Mootichi maatii isaanii waliin daawwidhaaf kaleessa magaalaa Aksuum galaniiru.

Mootiin Kootdiivwaar Chiifeezoo Gaarviyas simannaa isaanif taasifameef galateeffatanii, ummanni Ityoophiyaa akka nama kabaju ibsaniiru.

Mootichi lammiileen Koongoo, Tuuniiziyaa, Naayjeeriyaa, Yuugaandaa, Gibtsii fi biyyoota biroo akka isaan waliin dhufan eeraniiru.

Daawwiin isaaniis hariiroo Ityoophiyaa waliin jiru cimsuu akka ta’e eeraniiru.

Itti gaafatamaan Waajjira Aadaa fi Tuuriizimii Aksuum obbo Gabramadihin Fitsuum Birihaanii fi bulchaan mana amantaa Ortodooksii Aksuum Tsiyoon Nibuura Iid Abbaa Mahaarii Taklaan mootichaa fi jila isaanii simatanii keessummeessaniiru.

Comments
Loading...