Fana: At a Speed of Life!

Humnoonni nageenyaa Iiraan duula shoroorkeesitoota irratti taasissaniin hidhattoota IS 15 ajjeesaan

0 200

Finfinnee Qaammee 6, 2011 (FBC) – Humnoonni nageenyaa Iiraan duula shoroorkeesitoota giddugaleessa Iiranitti taasissaaniin hidhattoota IS 15 ta’an ajjeesaniiru.

Duula taasifame kanaan hidhattoonni garee shoroorkeessaa IS 9 to’annoo jala ooluun ibsameera.

Garee shoroorkeessa kana irratti duula adeemsifame cinaatti qilleensarraan miidhaan akka irratti ga’e gabaasichi addeesseera.

Iiraan bara Faranjoota 2017 irraa eegalee bakka garee shoroorkeessa IS’n to’atamee ture deebisaa akka jiru anga’ootnii biyyatti himaniiru.

Haata’uti gandoonni baadiya biyyatti akka Anbaar, Diyaalaa, Kiirkuuk, Saalaaddiin fi Moosul to’annoo garee shoroorkeessa kana jala jiru.

Maddi:- Anaadool

 

Comments
Loading...