Fana: At a Speed of Life!

Gabaan Oomisha Ityoophiyaa oomishaalee Birrii biiliyoona 2.4 walbichisiisera

0 186

Finfinnee, Qaammee 6, 2011 (FBC) – Gabaan Oomisha Ityoophiyaa baatii Hagayyaa keessa oomishaalee Birrii biiliyoona 2.4 walbichisiisera.

Oomishti gabaaf dhiyaate kunis toonii kuma 41 fi 339 ta’uu beeksiseera.

Kana keessaa bunni Birrii biiliyoona 1.9n walbichiisiifameera.

Saliixni tooniin 5,115 gabaadhaf dhiyaatee, Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 92.73 walbichisiifameera.

Akka dhaabbatichaatti oomishaaleen biroos sadarkaa sadarkaa isaanitiin gabaadhaf dhiyaatanii walbichisiifameera.

Gabaa baatichaa keessaa bunni ammeentaa gabaa %61 fi ammeentaa gatii %80 galmeessiseera.

Nuugiin oomisha 10ffaa ta’ee sirna gabaa ammayyaatti ni makama jedhameera.

Comments
Loading...