Fana: At a Speed of Life!

FKMA fi WKMIA jijjiirrama kubbaa miillaa Afrikaarratti waliin hojjechuufi

0 132
Finfinnee, Qaammee 6, 2011 (FBC) – Federeeshiniin Kubbaa Miillaa Afrikaa(FKMA) fi Waldaan Kubbaa Miillaa Idil Addunyaa(WKMIA) jijjiirrama kubbaa miillaa Afrikaarratti waliin hojjechuun murteessadha jedhame.
 
Dhaabbileen kubbaa miillaa lamaan kubbaa miillaa Afrikaarratti jijjiirrama fiduuf Gibts Kaayrootti mari’achaa jiru.
 
Preezdaantiin Waldaa Kubbaa Miillaa Idil Addunyaa Jiyaanii Infaantiinoon qindoominni dhaabbilee lamaanii jijjiirrama bu’uuraa fiduuf murteessadha jedhaniiru.
 
Gareen jijjiirramaa damicharratti hojjechuuf socho’aa jiru milkaa’ina eegamu keessatti ga’ee ni qabaata jedhameera.
 
Waldaan Kubbaa Miillaa Idil Addunyaa rakkoolee isa mudatan hiikuu keessatti muuxannoo bal’aa qabu; Federeeshinii Kubbaa Miillaa Afrikaaf ni qooda jedhan.
Comments
Loading...