Fana: At a Speed of Life!

Waldaan Gorsaa Siyaasa Afrikaa MM Dr Abiyyiif badhaasa laate

0 401

Finfinnee, Qaammee 5, 2011 (FBC) – Waldaan Gorsaa Siyaasa Afrikaa Damee Ijaarsa Sirna Demokraasii muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadiif badhaasa laate.

Badhaasichi kan laatameef ijaarsa sirna demokraasii keessatti gumaacha taasisaniifi.

Waldaan Gorsaa Siyaasa Afrikaa yaa’iisaa 4ffaa mata duree ” faaynaansii kakaasii filannoo fi filannoo Afrikaa” jedhuun Finfinneetti taa’aa jira.

Preezdaantiin waldichaa Keehiindaa Baamiigbeettaan muummee ministiraa Dooktar Abiy Ityoophiyaatti fooyyessa demokraasii taasisaniiru jedhan.

Hoggansi siyaasaa hidhaadhaa akka gadhiifaman, sirreeffamtoonni hedduun mana adabaatii akka gadi lakkifaman, paartileen siyaasaa walitti dhiyaatanii akka mari’atan, nagaa fi tasgabbiin akka bu’uu fi aadaan marii akka gabbatu gumaacha taasisaniif badhaasichi isaanif malas jedhaniiru.

Waldichi kanaan duras namoota siyaasaa Naayjeeriyaa lamaaf badhaasa laatera.

Comments
Loading...