Fana: At a Speed of Life!

Waaree booddee hirriba daqiiqaa muraasaan boqonnaa fudhachuun du’a tasaa ni hir’isa

0 306

Finfinnee, Qaammee 5, 2011 (FBC) – Waaree booddee hirriba xiqqoo boqonnaa fudhachuun du’a tasaa ni hir’isa – Qorannoo

Torbanitti yoo xiqqaate yeroo 2 waaree booddee daqiiqaa muraasa hirribaan dabarsuun carraa dhukkuba onnee fi istrook (dhiigni mataa keessatti dhanga’u) ni hir’isa jedhan qorannoon tokko akka ibsetti.

Qorannicha kan taasise garee qorattoota  yuunivaarsitii Siiwzeerlaandis Hoospitaala Loozaanidha.

Torbanitti yoo xiqqaate yeroo 2 waaree booddee daqiiqaa muraasa hirribaan dabarsuun fayyaa onneef faayidaa guddaa qabachuudha qorannichi kan ifoomse.

Gareen qoranichaa yaalii namoota umuriin isaani 35-75 ta’an kuma 3 fi 400 irratti waggaa shaniif qorannoo adeemsisaa tureera.

Maddi:- Deeyli meeyl

 

Comments
Loading...