Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Ashuuraa kabajame

0 172
Finfinnee, Qaammee 5, 2011 (FBC) – Alnajaashiin ilmaan namaa garaagartee amantaa, afaanii fi aadaa malee nagayaan iddoo itti waliin jiraachaa turani jedhan itti aanaan preezdaantii mootummaa naannoo Tigraay Dooktar Dabratsiyoon G/mikaa’eel.
 
Ayyaanni Ashuuraa 1441ffaan kaleessa Qaammee 4,2011 masjiida Alnajaashiitti kabajameera.
 
Ayyaanichi hordoftoota amantaa Islaamaa biratti ayyannan kabajaman keessaa tokkodha.
 
Ayyaana Ashuuraa kanarrattis keessummoonni biyya keessaa fi biyyoota ollaa; Eertiraa, Jibuutii fi Sudaan argamaniiru.
 
Alnajaashii keessummoota alaatin ala lammiileen biyya keessatiinis daawwatamuu qaba jedhan itti aanaan preezdaantichaa Dooktar Dabtratsiyoon G/mikaa’eel.
 
Alnajaashiin iddoo jaalalaa, tokkummaa, walkabajaa fi nagayaatisi jedhaniiru.
 
Preezdaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimma Islaamummaa Ityoophiyaa Muuftii Hajii Umar Idriis Alnajaashiin fakkeenya gaarummaa ta’uu ibsaniiru.
 
Ummanni biyyattiis kanarraa gaarummaa barachuu akka qabu dhaaman.
Comments
Loading...