Fana: At a Speed of Life!

Obbo Shimallis sooreyyii paarkii indaastirii Jimmaatti bobba’uuf socho’an waliin mari’atan

0 241

Finfinnee, Qaammee 4,2011 (FBC)- Obbo Shimallis Abdiisaan abbootii qabeenyaa paarkii indaastirii Jimmaatti bobba’uuf socho’aa jiran waliin mari’atan.

Itti aanaan preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan kaleessa magaalaa Finfinneetti abbootii qabeenyaa paarkichatti bobba’uu fedhii qaban waliin mari’ataniiru.

Maricharrattis bulchaan godina Jimmaa obbo Abdulhaakiim Muluu, kantiibaan bulchiinsa magaalaa Jimmaa obbo Makkiyyuu Mahaammad argamaniiru.

Paarkiin Indaastirii Jimmaa Doolaara Ameerikaa miiliyoona 61n lafa kaaree meetira miiliyoona 1.5 irratti ijaarrame, Sadaasa 29, 2011 ebbifamuun isaa ni yaadatama.

Yeroo ammaas hojiin abbootii qabeenyaa hojiitti galchuu hojjetamaa jira.

Paarkichi oomisha huccuu fi qindeessa qonnaa hojjeta.

Comments
Loading...