Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen Afrikaa Kibbaa waltajjii marii haasaa jibbiinsaa adda kutani bahaan

0 171

Finfinnee, Qaammee 4, 2011 (FBC)  – Lammiileen Afrikaa Kibbaa waltajjii marii  haasaa jibbiinsaa irratti xiyyeeffate adda kutanii bahaaniiru.

Afrikaa Kibbaa magaalaa Joohaansbargitti waltajjii marii yeroo dhihoo biyyatti keessatti lammeelee alaa irraatti miidhaa qaqqabee fi haasaa jibbiinsa ilaalchisuun namoonni siyaasaa biyyatti qopheessaan irratti lammiileen Afrikaa Kibbaa tokko tokkoo jeeqaniiru.

Wayita qondaalli siyaasaa biyyattii duraanii Mangooshutuu  Buteeleez jibbiinsi lammiilee biyya alaa dhaabbachuu qaba jedhan mormiin garee kanaan isaan mudate.

Gareen kun mormii dhageessisuudhaan walgahiicha adda kutaniiru.

Jeequmsaa fi saamicha torbee darbeen walqabatee namoonni 10 ol yoo du’an, namoonni dhimmicha sakkamaan 420 to’annoo jala olfamuu poolisiin biyyatti beeksiseera.

Haata’uti Dilbata darbe lammiileen Afrikaa Kibbaa daandii gurguudoo Magaalaa Jooghaansbarg irratti dhaadannoo “ lammiileen alaa gara biyya dhufanitti haa deebi’aan” jedhu qabatanii mormaa turaniiru.

Toorbe darbe irraa Afrikaa Kibbaa keessatti qabeenya lammiilee alaa saamuu fi gubuun wal qabatee Ministirri Dhimma Alaa Naayjeeriyaa  gocha kana mootummaa biyyatti saffisaan akka dhaabu gaafachuun isaanii ni yaadatama.

Mootummaan Afrikaa Kibbaas Gochicha balaleefataniiru.

Maddi:- BBC

 

 

 

Comments
Loading...