Fana: At a Speed of Life!

Jaappaanitti rooba cimaa hoboombolessa makateen manneen jireenya kuma dhibba 9 tajaajila elektiriikii ala taasise

0 212

Finfinnee, Qaammee 4, 2011 (FBC) – Jaappaanitti rooba cimaa hoboombolessa makateen manneen jireenya kuma dhibba 9 tajaajila elektiriikii ala taasiseera,

Balaa kanaan balalliiwwaan Xiyyaaraa 130 ta’an yoo haqamaan, sararri Baaburaas yeroo saniif adda cite akka tureetu himama.

Akka miidiyaan biyyatti gabaasanitti dubartiin waggaa shantamoota keessatti argamutti tokko balichaan lubbuun ishee darbeera.

Jiraattoonni naannicha mana isaanii keessaa akka hin baanee ergaan darbeera.

Ta’iin kun kan waggoota kurnaan darbe raawwate waliin walbira qabamee yoo ilaalamu caalmaa guddaa qabachuutu himama.

Hoboomboleessichi sa’aatitti fageenya kiiloomeetira 210 ademaa akka ture ibsameera.

Maddi:- BBC

 

Comments
Loading...