Fana: At a Speed of Life!

Birriin Ityoophiyaa miiliyoona 7 olii fi doolarri Ameerikaa kuma 53 to’annoo jala oole

0 312

Finfinnee, Qaammee 4, 2011 (FBC) –  komishiniin Poolisii Finfinnee birriin Ityoophiyaa miiliyoona 7.6 olii fi doolara Ameerikaa kuma 53 to’annoo jala oolu beeksise.

Komishinichi maallaqichis namoota karaa seeraan ala sharafa ala deddebisaanirratti to’atamuu beeksiseera.

Kutaa magaalaa Nifaas Silki Laaftootti eeruu ummataarra qaqqabeen  manneen shakkamtoota Sakkat’insa akka taasa poolisiin taasiseen maallaqichi to’atamuu danda’eera.

Birriin Ityoophiyaa miiliyoona 7 olii, doolarri Ameerikaa kuma 53 fi maallaqni biyyoota addaddaa lakkooftu maallaqaa waliin  to’atamuu hoogganaa Qorataa Yakkaa kutaa magaalichaa Komaader Awal Ahimad himaniiru.

Dhimmicha waliin walqabatee faddaaltoota dabalatee namoonni 10 to’annoo seeraa jala ooluun qoratamaa jiraachuu komaan Awal himuu isaanii ragaan komishinii poolisii Finfinneerra arganne ni addeessa.

 

 

Comments
Loading...