Fana: At a Speed of Life!

Preezidaantin Zimbaabuwee duraanii Roobart Mugaabee umuri isaanii 95’tti boqotan

0 243
Finfinnee, Qaammee 1, 2011 (FBC) – Preezidaantin Zimbaabuwee duraanii Roobart Mugaabee umuri isaanii 95’tti boqotan.
 
Roobart Mugaabeen erga biyyi isaanii walabummaa argatte nama jalqabaa biyyattii bulchanidha.
 
Preezidaanti Mugaabeen waggaa 30 aangoorraa erga turanii booda Sadaasa bara Faranjoota 2017 aangoo irraa waraanaan kaafamuun isaanii ni yaadatama.
 
Ministirri Barnootaa Zimbaabuwee Fadzayii Maheree fuula tiwiitara isaanii irratti “Biyyeen sitti haa salphatu Roobart Mugaabe,” jechuun barreessan.
 
Mugaabeen bara Faranjoota Fulbaana 21 bara 1924 biyya yeroos Rodeeshiyaa jedhamtee waamamtutti dhalatan.
 
Waan mootummaa Rodeeshiyaa qeeqaniif bara 1964’tti osoo mana murtiitti hin dhihaatin waggoota 10 olif hidhaarra turani.
 
maddi:- BBC
Comments
Loading...