Fana: At a Speed of Life!

Hojiin weerara dhibee chikuungiiniyaa ittisuuf hojjetame daawwatame

0 232
Finfinnee, Qaammee 1,2011(FBC)- Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Amiir Amaan Dirree Dawaatti weerara dhibee chikuungiiniyaa ittisuuf hojii hojjetame daawwatan.
 
Weerara dhibichaa ittisuuf ministeerichii fi Biiroon Fayyaa Dirree Dawaa qindoominaan hojjechaa jiru.
 
Dooktar Amiir qaamolee tumsaa waliin weeraricha ittisuu fi to’achuuf qindoominaan kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.
 
Hormaata bookee dhibicha babal’istuuf kan haala mijataa uumu boolla bishaan qocate duuchuu fi keessaa dhangalaasuu, biifaan keemikaalaas cimee kan itti fufu ta’uu ibsan
 
Daawwichaan hoggansi bulchiinsa magaalichaa fi Ministeera Fayyaa hirmaataniiru.
 
Magaalichatti amma ammaatti namoonni kumni 29 weerara dhibichaatin qabamaniiru.
 
Yaata’uutii namni lubbuun isaa darbe hin jiru jedhameera.
Comments
Loading...