Fana: At a Speed of Life!

Bilbilli sochootu Saamsang haaraan har’a gabaaf dhiyaata

0 286

Finfinnee, Qaammee 1,2011 (FBC) – Saamsangiif isa jalqabaa kan ta’e bilbila sochootu gaalaksii dacha’u guyyaa har’aa gabaaf ni dhiyaata.

Dhaabbatichi bilbila sochootuu ammaayaa’a gaalaksi dacha’u oomishu isa beeksisee ture.

Komii oomisha isaarratti dhiyaateen walqabatee rakkinoota bilbilicha mudate sirreessuun oomisha isaa dafee gabaaf dhiyeessu dhiisuun isa niyaadatama.

Dhaabbatichi rakkina bilbila sochootu dacha’u haaraa kanaa hiikuu ibseera.

Bilbilichi Fulbaana 18 maamiltootaaf ni dhiyaata.

Dorgomaan Saamsang kan ta’e dhaabbanni Haawuwwee ji’a lama booddee bilbila sochhotu dacha’u mataa isaa beeksisuuf beellama qabateera.

Huwaawween addunyaarra bilbiloota sochootu hedduun gurguruun Saamsangitti aanuu sadarkaa lammaffaa qabateera.

Maddi:- BBC

 

 

Comments
Loading...