Fana: At a Speed of Life!

Teehraan uggura sagantaa Niwuukilera isheerra ta’ee ture kaasushee beeksifte

0 357

Finfinnee, Hagayya 30,2011 (FBC) – Teehraan uggura sagantaa Niwuukilera isheerra ta’ee ture kaasushee beeksifteetti.

Preezidaantiin Iiraan Hasaan Ruhaanii uggura Giddugala Misoomaa fi qorannoo fi qo’annoo niwukileraa Biyyaatti irratti ka’amee ture akka ka’an ajaja dabarsuun isaanii himameera.

Preezidaantichi ajaja kana kan dabarsaan Ameerikaan dooniwwaan Iiraan gaazii fe’aan waliin hariiroo kan qaban irra uggura ka’uu ishee erga beeksiifte walqabateeti jedhame.

Iiraan bara Faranjoota 2015 Biriitish, Chaayinaa, Jarmaa, Raashiyaa fi Ameerikaa waliin sagantaa Niwuukilera isheera wantoota uggura kaa’an irratti waliigaltee kan mallatteessite ta’uu ni yaadatama.

Teehraan waliigalticha hojiirra oolchaa hin jirtu jechuun Ameerikaan waggaa darbe waliigalticha keessaa erga ofbaastee booda oomishtoota gaazii Teehraan irratti uggura dabalataa keessetti.

Maddi:- Aljaaziira

 

Comments
Loading...