Fana: At a Speed of Life!

Projeektii misooma qabeenya beelladaa teeknoloojiin tumsame naannoo Oromiyaatti eegale

0 144

Finfinnee, Hagayya 30,2011 (FBC) – Projeektichi walta’insa Ministiri Teeknooloojii fi Innooveshinii, Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Yuunivaarsiiti Mattuun hojiirra oola jira.

Misoomni qabeenya beelladaa oomisha aannanii fooyyeessu, qophii nyaata fi yaala beelladaa irratti kan xiyyeeffatedha.

Projeekticha eegalchiisuuf naannoo oromiyaa magaalaa Mattuutti qabeenya beelladaa teeknoolojiin ammayyeessanii hojjechuu ilaalchisee qaama dhimmi isaa isaan ilaalatu waliin mariin ta’eera.

Ministir Deettan Teeknooloojii fi Innovaashinii Jamaal Bakaar qabeenya beelladaa teeknooloojiin ammayyeessuuf Yuunivaarsiitiwwaan naannichatti argamaan waliin ta’uun hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Madda diinagdee Ityoophiyaa kan ta’e qonna ammayyeessuun  qonnaan bultoota naannicha argamaan waliin walitti dhiyaachuun hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Projeektiin misooma qabeenya teeknooloojiin deeggaramee naannoole hundatti egalchiisuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.

 

Comments
Loading...