Fana: At a Speed of Life!

Hojjetaa waardiyyaa badhaasni konkolaataa kennameef

0 154

Finfinnee, Hagayya 30,2011 (FBC) – Jiraataa Bulee Horaa kan ta’e Ajajaa Shantaamaa Salamoon Balaay lotariin tomboolaa carraa 3ffaa konkoolaataa Haaywandaay meetri kiyuubiik 16.1 kan fe’u badhaasa konkolaatichaa fudhate.

Ajajaan Shantamaa Salamoon oogummaa waraanaan barootaaf biyya isaa kan taajaajilaan turan yoo ta’u, dhaabbata mootummoota gamtoomanitti nageenya Sudaan eegsiisuu tajaajileera.

Yeroo amma kana soorama bahuun dhaabata dhuunfa tokkotti hojii waardiyyummaan tajaajilaa jiru.

Furtuu konkolaaticha guyyaa har’aa magaalaa Bulee Horaatti kan fudhate yoo ta’u, carraa isaan qaqqabetti hedduu akka  gammade  Bulchiinsi Lotarii Biyyoolessaa ibseera.

 

Comments
Loading...