Fana: At a Speed of Life!

Hobomboleessi hamaan Haarikeen Dooryaan jedhamu Bahaamaasiin rukute gara Ameerikaatti qajeele

0 182

Finfinnee, Hagayya 30,2011 (FBC) – hoboomboleessi rooba cimaa makate Harikeen Dooryaan jedhamu Baahaamaasiin rukute gara Ameerikaatti kan qajeele ta’uu himame.

 

Harikeen Dooryaan Baahaamaasitti du’a namoota 50’f sababa kan ta’e Ameerikaattis balaa hanga lubbuu nama darbutti qaqqabsiisu danda’a jedhameera.

 

Hobomboleessi hamaan kun Wiixata dabarsine yeroo Baahaamaas rukuteetti sa’aatitti kiloomeetira 298 saffisa kan qabu yoo ta’u, erga qabanaa’e booda sa’aatitti kiloomeetira 185 saffisa akka qabutu himame.

 

Akka giddugalli Haarikeen Ameerikaa beeksisetti Haarikeen Dooryaan yeroo amma kana bulchiinsa Joorjiiyaa kan Kibba Baha Saavaanaay walqunnamsiiftu fageenya kiiloomeetira 100 irratti kan argamtu.

 

Guyyaa har’aa kallattii isaa gara Kibba Bahaatti jijjiiruun saffisaan dabaluu akka danda’uu fi balaa lolaa dabalatee lubbuu namaa irratti miidhaa qaqqabsiisuu akka danda’u akeekkachifameera.

 

Kanaan walqabatee jiraattonni Ameerikaa Filooridaa gara Varjiiniyaatti baqatanii bahaa akka jiraan himameera.

 

Maddi:- BBC

Comments
Loading...