Fana: At a Speed of Life!

Dhibee gifiraa Niiwzilaanditti ka’een namoonni kuma 1 ol dhukkubsatan

0 130

Finfinnee, Hagayya 30,2011 (FBC) – Dhibee gifiraa Niiwzilaanditti ka’een namoonni kuma 1 ol dhukkubsachuun ibsame.

Niiwzilaanditti bara Faranjoota dabarsine Amajii 1,2019 hanga guyyaa har’aatti namoonni kuma 1 fi 5 dhibee gifiraan qabamuun himameera.

Niiwzilaandi magaalaa Ookilaand qofaatti namoonni 877 dhibee gifiraan dhukkubsataaniiru.

Lammiileen umuriin isaanii ji’a 12 hangaa waggaa 50 jiraan talaallii gifiraa kan  hin fudhannee talaallicha akka fudhatan Ministeerri Fayyaa biyyatti waamicha dhiyyeesseera.

Daawwattoonni daawwanaaf gara Ookilaand imaluun dura torbaan lama dursuun talaallii gifiraa fudhachuu akka qabaan himameera.

Tattaa’imsi dhibichaa kan bara darbee waliin walbira qabamee yoo ilaalamu, ji’oota sadaan waggaa kana qofaa harka afuuriin caalma agarsiiseera.

Dhibichi talaallii amansiisaa yoo qabatullee, baroota darbaan kana  biyyoota guddinara jiraan addaddaatti mudachaa jira jedhameera.

Maddi:- BBC

 

Comments
Loading...