Fana: At a Speed of Life!

Kantiibaan Waashiingitan Finfinnee daawwachuufi

0 147

Finfinnee, Hagayya 29,2011(FBC)- Kantiibaan Waashiingitan Finfinnee daawwachuufi.

Ameerikaatti Ambaasaaddarri guutuu Ityoophiyaa Fitsuum Araggaan hariiroo Ityoophiyaa fi Ameerikaa cimsuuf hojiilee hedduun hojjetama jiraachuu ibsaniiru.

Damee daldalaa fi invastimantiitin mootummaan Ameerikaa imaammata haaraa “Afrikaa misoomsuu” baasen, Ityoophiyaan fayyadamtuu akka taatu hojiilee hedduun hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Kanaan dura itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uuman Waashiingitan daawwachuun isaanii ni yaadatama.

Dhiyeenyattis kantiibaan Waashiingitan Muuriil Boowzar Finfinnee ni daawwatuun eegamu.

Magaalaan Koloraadoo Deenvar magaalaa Baahir Daar waliin, magaalaan Arooraan ammoo magaalaa Adaamaa waliin obbolummaa fi qindoomina uumuuf hojjetamaa jira.

Comments
Loading...