Fana: At a Speed of Life!

Miidhaa Kaabulitti raawwatameen namoonni 16 du’an

0 283

Finfinnee, Hagayya 28,2011 (FBC) – Miidhaa Afgaanistaan Kaabulitti raawwatameen namoonni 16 du’un himame.

Miidhaan qaqqabe kun boombii konkoolataa irratti kiyyeeffameen kan raawwatamedha.

Miidhaan kanaan namoota du’an malee namoonni 100 ol madaa’uun himameera.

Miidha qaqqaabeef gareen Taaliibaan itti gaafatamuumma akka fudhatu ibsameera.

Garichi miidhaa guyyoota dhiyoo as raawwatamanitti itti gaafatamuumaa kan fudhate yoo ta’u, kan ammaa kanaan yeroo sadaffadha jedhame.

Naannoo miidhaan kun qaqqabe manneen jireenyaa baay’ee dabalatee dhaabbilee gargaarsaa fi teessoo dhaabbiilee idila addunyaa kan argamnidha.

 

Comments
Loading...