Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan loltoota nagaa kabachiisan kuma 5 fi 400 Afgaanistaan keessaa baasuufi

0 144

Finfinnee, Hagayya 28,2011 (FBC) – Waashiingtaan Afgaanistaan keessatti kan argamaan loltoota nagaa kabachiisan kuma5 fi 400 biyyatti keessaa baasuuf akka jettu himame.

Ameerikaan loltoota ishee Afgaanistaan akka baastuu kan himame, biyyatitti hidhatee sochoo’aa kan jiru garee Taalibaan waliin marii ji’a tokkof taasifame booda waliigalteera erga ga’aniiti jedhame.

Akkaatuma wixinee waliigaltee isaanitiin Waashingtaan gama isheetiin loltoota ishee nagaa kabachiisaa kuma 5 fi 400 baasuuf akka jettu Ameerikaatti Ergamaa Addaa nageenyaa Zalmaay Kaliilzaad himaniiru.

Kanarra kan darbe Yuuniteed Isteet giddugala waraanaa ishee Afgaanistaanitii argamu shaan torbaan 20 keessatti cufuun akka irra jiraatu wixinee waliigaltichaarratti ibsameera.

Haata’uuti hojiirra oolmaa wixineen waliigaltichaaf Preezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp mallatteessuu akka qaban Zaalmaay Kaliilzaad hubachiisaniiru.

Ameerikaa fi Taalibaan rakkoo nageenya Afgaanistaan dhimmoota furuun  danda’amu irratti Kuwaateritti mari’achaa turuun isanii ni yaadatama.

Maddi:- Rowuutars

Comments
Loading...