Fana: At a Speed of Life!

Nyaata dibaanni itti hin baayyanne nyaachuun carraa dhibee onneen saaxilamuu %80 ni hir’isa

0 224

Finfinnee, Hagayya 27,2011 (FBC) – Dhiibba dhiiga fi nyaata nyaatnu irraa hammeenta dibataa hir’isuun carraa dhibee onneen qabamuu %80 hir’isuu ta’u qorannoon tokko ifoomseera.

Qorannoo Yuunvaarsitii Kaambirijii gaggeeffameen akka ibsutti nyaata nyaatnurra hammeenta dibataa fi dhiibaa dhiigaa keenya hir’isuun carraa dhibeen onneen qabamuu %80 ni hir’ata jedhaniiru.

Qorannichi namoota dhibee onneen qabaman kuma 438 irratti waggoota 12 qorannoo kan adeemsise ta’u qorattoonni ibsaniiru.

Qorannoon kun nyaata nyaatnu irra hammeenta kooliistrooli fi dhiibba dhiiga hir’isuun carraa dhibee onneen qabamu %80 hir’isuu dandeenya jedha.

Maddi:- thetimes.com.uk

Comments
Loading...