Fana: At a Speed of Life!

Jila ispoorteessitoota Ityoophiyaa tapha guutuu Afrikaarratti hirmaatef simannaan taasifame

0 218
Finfinnee, Hagayya 27,2011(FBC)- Jila ispoorteessitoota Ityoophiyaa tapha guutuu Afrikaarratti hirmaatef simannaan taasifame.
 
Ityoophiyaan tapha guutuu Afrikaa 12ffaa Moorookoo Raabaatitti gaggeeffamerratti gosoota ispoortii 13n hirmaattetti.
 
Jilli ispoortii Ityoophiyaatis eda galgala magaalaa Finfinnee galaniiru.
 
Jilichaaf Istaadiyamii Finfinneetti simannaan taasifameefira.
 
Simannicharrattis itti aanaan Koomiishinara Koomiishinii Ispoortii Ityoophiyaa obbo Geetaachaw Baalchaa, preezdaantiin Koree Olompiikaa Ityoophiyaa Dooktar Ashabbir W/goorgiisii fi hoggansi Federeeshinii Atleetiksii Ityoophiyaa argamaniiru.
 
Jilli Ityoophiyaa dorgommicharratti hirmaate namoota 250 kan hammate ture.
 
Dorgommichaan Ityoophiyaan meedaaliyaa warqee 6, meetii 5 fi maaldaa 12 argachuudhan; Afrikaarraa sadarkaa 9ffaa qabachuudhan xumurteetti.
Comments
Loading...