Fana: At a Speed of Life!

Tapha guutuu Afrikaatin Ityoophiyaanonni injifataniiru

0 341

Finfinnee, Hagayya 24,2011 (FBC) – Tapha guutuu Afrikaa Moorookoo Raabaatitti gaggeeffameen Ityoophiyaanonni maaraatoona walakkaadhan injifatan.

Atleetonni dubartootaa, dorgommii maaraatoona walakkaadhan sadarkaa 1ffaadhaa amma 3ffaa ba’aniiru.

Haaluma kanaan;
1ffaa. Yaalamzar Yahwaalaa, meedaaliyaa warqee,
2ffaa. Daggituu Azmaraa, meedaaliyaa meetii,
3ffaa. Masarat Ballaxaa, meedaaliyaa maaldaa argatteetti.

Tapha guutuu Afrikaa kanaan atleetonni Ityoophiyaa meetira kuma 10 sadarkaa 1ffaadhaa amma 3ffaa ba’aniiru.
 
Fiigicha meetira kuma 10 dubartoonni Ityoophiyaa 1ffaadhaa amma 3ffaa ba’uudhan injifataniiru.
 
Dorgommichaan Atleet Tsahaay Gammachuu daqiiqaa 31, sakandii 56 fi maayikiroo sakandii 92 meedaaliyaa warqee argamsiistetti.
 
Atleet Zaynabaa Yimar ammoo daqiiqaa 31, sakandii 57 fi maayikiroo sakandii 95 2ffaa baatee meedaaliyaa meetii argamsiistetti.
 
Atleet Dharraa Didhaan ammoo daqiiqaa 31, sakandii 58 fi maayikiroo sakandii 78 sadarkaa 3ffaa ba’uudhan maaldaa argamsiistetti.
 
Sirna badhaasaa Moorookoo Raabaatitti gaggeeffame kanarrattis Atleet Daraartuu Tulluun argamuudhan injifattootaf meedaaliyaa laattetti.
Comments
Loading...